Monday, August 2, 2010

OLOLA DIIGGAAF MALEE KAN QABSOO BILISUMMAAF YEROO HIN QABNEEF UMMATNI OROMOO GURRA ERGISU HIN QABU

Gaafa: 29‐07‐2010
Date:

ADDA BILISUMMAA OROMOO
OROMO LIBERATION FRONT
Lakk.: No.: Ibsa/abo/2010
جبهة تحرير أ ورومو
رقم تاريخ

P. O. Box 6973 Asmara, Eritrea | Telefax 291 1 110236 | E-mail abamilki@gemel.com.er

Jaalala QBO ABOn hogganamu ummata Oromoo biratti qabu gara fedhaa fi dantaa matayyaatti jijjiirratuuf yaaliin wal irraa hin citne waggaa kudhanii oliif adeemsifame ummata biratti fudhatama dhabuu irraa yakka dharaa ABO irratti tarrisuu itti fufuun kufaatii qaanfachiisaa irra gahe keessaa hin baasu.

Murni QC – ABO jedhamu dhiheenya kana waraana qabaatuu fi waraanni qaba jedhus WBO ABOn durfamuun duulli irratti banamee ajjeefamaa akka jiru ibsa oduu gandaa irraa adda hin taane facaasee jira. Murni QC‐ABO of moggaase kun dhaaba keessa ture ABO irraa eerga adda bahee waggaa kudhanii ol lakkoofsisee jira. Waggoota dabran kana keessattis hojii qabsoo irratti bobba’ee faaydaan argamsiisee ummata biratti beekamu homaatuu akka hin jirre ummatni keenya tolchee beeka. Murni QC‐ABO jedhee of waamu kun guyyaa maqaa kanaan gadi bahee eegalee kan irratti bobba’ee turee fi jiru hirmatnaa qabsoo ABOn ummata Oromoo hirirsuu irraa hinaaffaa fi jibbinsi itti buleen ABO gufachiisuu fi dadhabsiisuu irratti qofa akka bobba’ee jiru ummata Oromoo jalaa dhokataa miti.

Dhihoo kana ammoo humna gantootni akka Lichoo Bukuraa faa ABO irratti akka gufuu tahuuf bobbaasaa jiraniif golgaa fi abukaatoo tahee as bahuun kan nama gaddisiisuu tahuu qofa osoo hin taane qaamfachiisaa dha. Kan callisnuuf waan jennu dhabnee osoo hin taane qabsoof jecha callisuu waan filanneef tahuu garuu kanuma waliin ibsina.

Murni diina irratti bobba’uu irra ABO diina jalqabaa godhatee ololaa fi shira adda addaa QBO irratti raawwataa jiru, hamii fi dalagaa diiggaa lagatee QBO cimsuu irratti akka bobba’u ABOn gama isaatiin kan isaaf danda’amu hunda kan raawwatu tahuu amma illee irra deebiin yaadachiisaa; olola kijibaan maqaa ABO kaasuu irraa akka of qusatu hiree kanaan hubachiisna.


Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!
Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Adoolessa 29, 2010

No comments:

Post a Comment